ONM-ABO Adoolessa 11, 2024
Oromiyaa keessatti aarii Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii loltoota PP irratti fudhatu gara uummata fayyaalessatti deebisuun hidhattootni sirnichaa ajjeechaa raawwachuu itti fufanii jiru.
Adooleessa 8, 2024 sababa WBO’n tarkaanfii irratti fudhateef jecha osoo gara magaalaatti galaa jiranii aanaa Zuwaay Dugdaa iddoo addaa Iyyituu jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Amidoo Kadir jedhamu nama qaama miidhamaa ta’e miira gara jabummaan guutameen rasaasa shan itti dhukaasanii ajjeesuu jiraattotni ijaan argan ONM’tti himan.
Dargaggoo kana erga rasaasa shaniin ajjeesanii booda lafarra harkisuun akka maatiin illee reeffa kaafatee hin awwaallanne qileetti gatanii deemuus dabaluun ibsaniiru.
Akka namoonni naannoo kanaa ibsaanitti namni kun nama of danda’ee hin jiraannee fi waa’ee siyaasaa hin beekne ta’uu himuun, loltoonni kunneen yeroo karaa irratti itti dhufan nu beektaa jennaan lakkii isin hin beeku jennaan WBO beekta mitiiree kanaaf nu wallaalte jechuun battaluma sanatti lubbuu isaa galafatanis jedhan.




