• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxeetti hidhaa jumlaan jiraattota irratti waraana faashistii PP’n jabaachuun dhagaa’ame 

Jul 11, 2024

ONM-ABO Adoolessa 11, 2024

Maqaa nageenya eegnaan Waraanni gabroomfataan PP baadiyyaa Oromiyaatti bobba’aa jiran qabeenya saamuu, mana gubuu, namoota jumlaan   qabanii hidhuu fi ajjeechaa raawwachuu jabeessanii jiru.

Oromiyaatti erga labsiin yeroo hatattamaa maqaa olaantummaa seeraa kabachiifnaan murna bilxiginnaan labsamee as daldaltoota, jiraattotaa fi dargaggoota irratti hidhaa fi doorsisi qaqqabu akkaan jabaatee itti fufuun uummatni qe’ee isaa irratti wareegama kaffalaa jira.

Bifuma kanaan Adooleessa 7, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxee ganda Meexxii Harootti waraanni maqaa sakattaa WBO’n sochii taasisan namoota maqaan isaanii: Tolosaa Mokonnon, Badhaadhaa Garramaa, Damisoo Garramaa, Tolosaa Yaadasaa, Shifarraa Amansiisaa, Taayyee Koorsaa, Darajjee Laggasaa fi Qananii Badhaasaa jedhaman qabuun hidhanii dararaa jiraachuun beekameera. 

Bakkeewan hedduutti waraanni PP sochii godhaniin gara laafummaa tokko malee dhiibbaa godhan itti fufuun jiraattonni yaaddoo jireenyaan rakkachaa akka jiranis dabaluun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading