• Thu. Mar 19th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti hidhattoonni sirnichaa dargaggeessa tokko ajjeesan

Jul 11, 2024

ONM-ABO Adoolessa 11, 2024

Gurmuun yakkamtootaa dhiiga qulqulluu dhangalaasuun teessoo nam-tokkee tiksuuf bobbaafaman waraanni bilxiginnaa, guyyaa gara guyyaatti hidhaa saamicha, ajjeechaa fi dararaa golee Oromiyaa mara keessatti geggeessaa jiru.

Haaluma kanaan Adoolessa 8, 2024 naannoo sa’a 10:00 keessa Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Burqituu Kusii keessatti nama maqaan isaa hin baramne magaalaa Baabboo keessaa qabanii ganda kanatti ajjeesanii jiraachuu jiraattotni himan.

Reeffa nama kanaas uummanni bakkichaa erga isaan ajjeesanii biraa deemanii booda kaasanii akka awwaalanis dabaluun ibsaniiru.

Dargaggoon ajjeefame kunis guyyaan isaa guyyaa gabaa waan tureef iddoo biraatii gabaa akka dhufes ni shakkama jedhu jiraattonni kunneen.

Yeroo ammaa lubbuun ilmaan Oromoo hanga bineensa bosonaa hanqachuun  adamfamuun ajjeechaa fi dhiittaan mirga namoomaa irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, namni tokkos aanaa biraa akkasumas godina biraatii qabamuun gara aanaa biraatti geeffamanii ajjeefamuun aadaa ta’ee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading