• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Booraatti hidhattoonni Amaaraa murnoota bilxiginnaan hidhatan hawaasa nagaa irratti ajjeechaa fi saamicha raawwatan

Jul 12, 2024

ONM-ABO Adoolessa 11, 2024

Caasaan bilxiginnaa ilmaan Oromoo sobuun qawwee hiikkachiisaa ilmaan alagaa irratti immoo hidhannoo jabeessuun kutaalee Oromiyaa cufa keessatti duguuggaa sanyii labsanii uummata akka baalaatti harcaasaa kan jiran yommuu ta’u, bilxiginnaan namoota sabaan Amaara ta’anitti qawwee hidhuun jiraattota godina Baha Shaggar aanaa Booraa irratti ajjeechaa fi saamicha raawwachisuun eerameera.

Ganda Baartaa Saamii jedhamu keessatti torbee darbe keessa dargaggoo Fajjoo Buttaa jedhamu “WBO waliin hidhata qabda” jechuun mana jireenyaa isaatii baasanii gandicha keessatti rasaasaan ajjeesuun reeffa isaallee maatiin akka hin fudhanne godhanii allaattii nyaachisuu jiraattonni gandichaa himan.

Jiraattota gandichaa keessaa namni tokko akka jedhutti, “Hidhattoonni Amaaraa uummata aanaa kanaa irratti dararaa hamaa geggeessaa jiru. Dargaggoo maqaan isaa Tashuu Lammaa jedhamu ganda Jirmee Booraa keessaa ukkaamsuun torbanuma darbe keessa rasaasa itti roobsanii haala suukkaneessaa ta’een ajjeessuun reeffa isaallee achumatti gubanii gochaa dhala namaaf hin malle raawwachuu  dubbata.

Hidhattoonni kun sabaan Amaaraa kan ta’anii fi gara jabina guddaan uummata duguugaa kan jiran onichatti, guyyaa dheengaddaa immoo dargaggoota maqaan isaanii adda hin ba’in lama ajjeesuun reeffa isaanii yeroo gabaasni kun qindaa’etti bataskaana Baartaa Saamii keessatti gatanii soora allaattii godhanii jiraachuu jiraataan kun ibsa.

Hidhattoonni Amaaraa qofti aanaa Booraa ganda Baartaa Saamii bataskaana Gabreelii jedhamu keessatti mooraa tolfachuun guyyaa guyyaan dhiiga ilmaan Oromoo lolaasaa  jiru.

Namootni gocha kana aanicha keessatti qindeessuun hojjetan 

  1. Wanduu Hasan bulchaa ganda Baartaa,
  2. Dajanuu Isheetuu kaabinee aanichaa fi
  3. Assabaa Kabbadaa nageenya aanichaa yoo ta’an, 

halkan waarii mana Obbo Ifaa Tolaa seenuun dirqiin qarshii 60,000 jalaa fudhataniin alatti uummata gandichaan mana nuuf ijaaruu qabdu jechuun dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading