• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni impaayera Itoophiyaa jiraattota ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi mana irratti gubuu jabeessan

Jul 12, 2024

ONM-ABO Adoolessa 11, 2024

Gareen gabroomfataa impaayera Itoophiyaa kutaalee Oromiyaa adda addaatti ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkee: ajjeesuu, hidhuu, saamuu, mana irratti gubuu, ari’ee qe’ee fi qabeenya irraa godaansisuun dararaa ulfaataa ta’e hawaasa nagaa irratti qaqqabsiisuun jiruu fi jireenya jibbisiisaa jira.

Haaluma kanaan, Waxabajjii 26, 2024 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Abillee Igguu jedhamurraa ergamtootni bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:

  1. Faantaa Namee,
  2. Yashii Botee,
  3. Dinqee Dhugaasaa,
  4. Mokonnon Guddattuu,
  5. Innaat Gaddifee,
  6. Dassaalee Ayyaanaa,
  7. Rabirraa Fayisaa,
  8. Boontuu Assabaa fi 
  9. Burtee Rabbirraa jedhaman

badii tokko malee qabuun sababa Oromummaa isaanii  qofaaf yakkanii hidhaan dararaa jiraachuu maddeen keenya eeraniiru.

Aanuma kanatti Waxabajjii 27, 2024 ganda Odaa Bulluq jedhamu irraa nama maqaan isaa Darajjee Korraaz jedhamu jalaa badii tokko malee mana isaa gubanii jiraachuun barameera.

Ganda Ashaayyaa Daadoo jedhamu irraa nama maqaan isaa Asmaraa Baqqalaa jedhamuu fi barataa Zaakiree Irbee jedhamu badii tokko malee gaafuma Waxabajjii 27, 2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii maatii isaa jalaas mana gubuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading