• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti saamichi waraana gabroomfataa PP’n jiraattota irratti jabaatee itti fufe 

Jul 13, 2024

ONM-ABO Adoolessa 12, 2024

Murni bilxiginnaa ergamtootaa fi tiksitoota sirnichaa namoota ta’an akkaataa isaan miidhaa jiraattota irratti godhaniin ilaalamee maallaqni kan kaffalamuuf, waraanni sirnichaa fi milishoonni maallaqa argachuu qofaaf jireenya ilma namaaf naasuu dhabuun hawaasa irraa dhalatan saamuu, hidhuu, manneen gubanii mancaasuu fi ajjeechaa guutuu Oromiyaatti raawwachaa jiru.

Addattuu akeekaa fi kaayyoo afaan qawween ukkaamsanii bulchuu ajandaa badii baafachuun kan bobbaa’an, diddaa fi fincila hawaasni Oromoo sirnicha irratti qabu daran sirnicha abdii kutachiisuun, hawaasatti waraanni bobba’u loon, hoolota, Harrootaa fi kanneen biroo saamuun kaan gurguranii kaan ammoo qalatanii nyaachuun diinummaa uummata Oromoof qaban mul’isaa jiru.

Bifuma kanaanis Adooleessa 8, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Maqdallaa jedhamutti waraanni faashistii PP nama maqaan isaa Quufaa Dambal jedhamu jalaa loon 4 fi re’oota 10 fudhatanii deemuun beekameera.

Irra caalaatti yeroo ammaa xiyyeeffannoon murna bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa fi namoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabu jedhamuun shakkaman dinagdeen dadhabsiisuu fi hiraarsuu irratti fuulleeffattanii hojjechaa akka jiran iccitiin keessoo sirnichaatii ba’e ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading