• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa  aanaa Gullisootti loltoonni impaayeera Itoophiyaa dargaggoota lama ajjeesan

Jul 13, 2024

ONM-ABO Adoolessa 12, 2024

Godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti waraanni garaa isaa qofaaf jiraatu tiksitootni barcuma Abiy Ahimed akkuma duraaniitti hawaasa nagaa ajjeesuu itti fufuun, daa’immanii hanga maanguddootaatti lubbuu dhabamsiisuun maatiin gadda akka taa’u taasisaa jira.

Haaluma kanaan godina Wallagga Lixaa aanaa Gullisoo ganda Calliyaa Ekkaa jedhamu keessatti Adoolessa 7, 2024 nama maqaan isaa Mallasee jedhamuu fi kan maqaan isaa adda hin ba’in tokko “isintu WBO daandii daddabarsaa jira” jechuudhaan badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf bakka addaa ‘Maaruu’ jedhamutti rasaasa itti roobsuun ajjeesuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan himan.

Maddeen keenya akka jedhanitti, “dargaggoota kana lamaan  erga ajjeesaniin booda gara magaalaa Gullisootti yoo geessan. Mallasee fi namoota adda hin baane kana magaalaa Gullisoo keessa lafa irra akka harkisan hawaasa dirqamsiisanis uummatni magaalichaa akka dide barameera. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading