ONM-ABO Adoolessa 13, 2024
Caasaa fi ergamtoonni sirnichaa addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yommuu ta’u, godina Baha Harargee ona Malkaa Ballootti lukkeeleen bilxiginnaa kun jiraattota dirqamsiisuun lafa isaanii qochisiifachaa jiraachuun himameera.
Aanaa Malkaa Balloo araddaa Firii Qabsoo jedhamutti caasaan murna maafiyaa PP qotee bultoota gandichaa humnaan dirqisiisanii lafa isaanii qochisiifachaa kan jiranii fi qabiyyee lafaa duraan qaban irratti dabaluun bosona ciranii itti dabalchiifataa jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Adda dureen uummata aanaa sanaa garmalee dararaa jiru, nama maqaan isaa Ibsaa Jamaal Adam jedhamu ta’uu kan himan jiraattonni, nama maqaan isaa Jamaal Mahaammad jedhamu jalaa muka waddeessaa inni ooyiruu keessaa qabu jigsuun dhuunfaa isaaf uummata itti bobbaasee soofsisaa jira.
Hanga ammaattis saanqaa 40 ol mukicha irraa baafachuu isaa namoonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
