ONM-ABO Adoolessa 13, 2024
Sirni impaayera Itoophiyaa ol adeemoo kumaatamaan karaatti kutaa na ga’e hin jenne bilxiginnaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raareetti loltoonni Abiy Ahimed dargaggoo tokko ajjeesuun namoota hedduu hidhaatti guuruun himameera.
Adoolessa 5, 2024 ganda Sochoosaa Gammachisaa jedhamu keessaa dargaggoo maqaan isaa Bashee Nagaasaa Hirphaa jedhamu badii tokko malee rasaasa 4 itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen keenya eeran.
Ilmaan Oromoo garmalee dararuu akka tooftaa ittiin aangoo irra turuutti ilaaluun haala suukkanneessaa ta’een hawaasa nagaa hiraarsaa kan jiran loltoonni Koloneel Abiy Ahimed Adoolessa 7, 2024 ganda Misooma Dhangaggootti namoota maqaan isaanii:
- Lammii Qaqqabaa
- Dajanee Qannoo
- Raggaasaa Xabbaqaa
- Tasfaa Afataa fi
- Gaaddisaa Mararaa kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.



