ONM-ABO Adoolessa 14, 2024
Pirezidaantiin Iraan filatame Masuud Pezeshkiyaan dhiibbaa qoqqobbii Ameerikaa salphisuuf waadaa galan irraa deebi’uu isaanii himuun, hariiroon biyyoota Awurooppaa waliin qabanis fooyya’uu akka qabu dubbataniiru.
Maanguddoon ganna 69 kun “Iraan adda baafamuu ishee keessaa baasuuf” biyyoota Dhihaa waliin “hariiroo ijaarsaa” akka jiraatu kan gaafatan yoo ta’u, waliigaltee niwukilaraa bara 2015 Iraan fi humnoota addunyaa gidduutti taasifame deebisee akka jiraatu ni deggeru.
Waashingitan bara 2018 gama tokkoon waliigaltee kana keessaa baatee qoqqobbii irra deebitee kaa’uu fi Iraan haalawwan isheef waadaa galte suuta suutaan akka hir’iftu taasiseera.
Pezeshkiyaan Jimaata galgala gaazexaa afaan Ingiliffaatiin bahu Tehran Times irratti kan barreessan yoo ta’u, Ameerikaan waliigaltee bara 2015 keessaa erga baatee booda biyyoonni Awurooppaa waliigaltee kana baraaruuf yaaluun dhiibbaa qoqqobbii Ameerikaan irra ga’e salphisuuf waadaa galaniiru.
Pezeshkiyaan, “Biyyoonni Awurooppaa waadaa kana hunda irraa of qusataniiru,” jechuun barreesse.
“Tarkaanfiiwwan dogoggoraa kun jiraatanis, hariiroo keenya daandii sirrii irra kaa’uuf, qajeeltoowwan wal kabajuu fi walqixxummaa irratti hundaa’uun biyyoota Awurooppaa waliin marii ijaarsaa irratti bobba’uuf hawwii guddaan eeggadha.”jedhan.
Dubbi himtuun Gamtaa Awurooppaa Nabilaa Massrali kanaan dura Pezeshkiyaan filannoo isaaniitiin baga gammaddan jechuun, gareen miseensota 27 qabu kun “imaammata gamtaa Awurooppaa kan hirmaannaa murteessaa ta’een walsimuun mootummaa haaraa waliin hojjechuuf qophiidha” jedhan jechuun Arab news gabaaseera.



