• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti uummanni nagaan jumlaan hidhaman

Jul 15, 2024

ONM-ABO Adoolessa 15, 2024

Guyyaa turtii isaanii dheereffachuuf jecha namoota nagaa gochaa isaanii malee gidirsaa kan jiran caasaan PP, yeroo ammaa gocha isaanii kana jabeessuun uummata irraan gidiraa geessisaa jiru.

Haaluma kanaan Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaa ganda Coofira Shaashee keessatti Adoolessa 12, 2024 uummata nagaa jumlaan qabanii hidhaatti guuran.

Uummanni hidhaman kunneen baay’inaan 60 ol akka ta’an maddeen itti dhiheenyaan quba qaban ifoomsaniiru.

Namoota hidhaman keessaa kanneen maqaan nu  ga’e;

  1. Adam Ayyaanoo
  2. Nuuraa Kawoo
  3. Umar Haajii
  4. Godaanaa Naga’oo
  5. Shuumii Qaweettii
  6. Amadoo Duulaa
  7. Fayyuu Ibraahim
  8. Raadiyaa Abdurhamaan 
  9. Maadinaa Ibraahim fi
  10. Ruqiyaa Ibraahim

 kanneen jedhaman ta’uun ifoomeera.

Leave a Reply