ONM-ABO Adoolessa 15, 2024
Bilxiginnaa fi ergamtoonni isaanii godinaa hanga aanaatti jiran dantaa dhuunfaa fi sodaa taayitaa isaaaniif jecha namoota nagaa “ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jechuun hidhaa irraa eegalee hanga ajjeechaatti Oromiyaa cufa keessatti jabeessanii kan jiran yoo ta’u, namoonni hedduunis qe’ee irraa godaanuuf dirqamaa jiru.
Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda ‘Fayyineerraa’ jedhamu keessatti, namoota nagaa siyaasa kam keessaa qooda hin qabne ”ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jechuun yeroo dheeraaf gaaffii seeraa tokko malee onichatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen keenya eeran.
Waxabajjii 5, 2024 ganda kana keessaa kanneen qabaman namoota maqaan isaanii:
- Aadde Almaaz Taaddasee,
- Aadde Zawudee Ulfinaa,
- Aadde Shimee Tamasgeen,
- Obbo Kidaanuu Ittafaa
- Obbo Baqqalaa Lataa
- Obbo Dassaaleny Kabbadaa
- Obbo Taaddalee Asiraat
- Obbo Daamaraa Ulfinaa fi
- Obbo Amsaaluu Gammachuu kanneen jedhaman ta’uun barameera.
Dabalataanis, onichatti murnoonni kun maqaa sakkatta’a WBO jedhuun wayita bobbaafaman gaaffii tokko malee mana uummataa seenuun saamicha hamaa raawwachaa kan jiranii fi gandichatti maqaa WBO waliin hidhata qabduun dararriin jabaatee itti fufuu maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.






