ONM-ABO Adoolessa 15, 2024
Imphaayera Itoophiyaatti murni abbaa irree bilxiginnaa ulaagaa seeraa tokko malee manneen amantaa, kan namoota dhuunfaa fi dhaabbilee adda addaa diiguu, gubuu fi saamicha irratti raawwachuu hammeesseera.
Torban darbe Masjiidota godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa gandoota baadiyyaa keessaa Waraana Bilisummaa Oromootu bilbila irratti guuttata jechuun qabeenyaa manneen amantaa soolaarii fi kanneen biroon iddoo addaa Bacanqee jedhamuu waraana faashistii PP’n saamamuu hordoftootni amantichaa ONM’tti himan.
Irra deddeebiin imphaayerattii keessatti manneen amantaa diigamaa fi gubataa osoo jiruu murni bilxiginnaa sarbama mirgoota amantaa waraanni isaa cabsaa jiruuf itti gaafatama tokko jala hin jiru.
Heerri imphaayerattii barreeffamootaan akka jirutti walqixxummaa amantaaleetti kan amanu, kan kabajuu fi mirga akka fedhanitti amanuuf beekkamtii kennee kan jiru, akkasumas; mootummaa fi amantiin wal keessa akka hin galle ifoomsus duudhaa heerichaa cabsuun gochoonni waraanni sirnichaa manneen amantaa irratti gochaa jiran kan nama saalfachiisuudha jechuun hordoftootni amantichaa onicharraa dubbisne ONM’tti himaniiru.

