• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo keessatti manneen qonnaan bultootaa waraana bilxiginnaan gubate

Jul 16, 2024

ONM-ABO Adoolessa 16, 2024 

Murni bilxiginnaa waraana akka feetee isaa bobbaasuun uummata Oromoo badii tokko malee gadadoon dha’uuf hojjechaa jiru goleelee Oromiyaa mara keessatti manneen hawaasaa qabeenya wajjin jumlaan gubuu, ajjeesuu, hidhuu fi reebicha hammeessanii jiru.

Haala kanaanis Jimaata darbe Adoolessa 12, 2024 aanaa Xiyyoo ganda Odaa Dhawaa keessatti waraanni faashistii PP manneen uummataa hedduu gubuun reebichas raawwatanii jiru.

Maqaan namoota gandicha keessaa manneen jalaa gubatee;

1. Abbuu Gammachuu

2. Abdullaa Bajjoo

3. Muhaammad Adoolaa

4. Abbuu Adoolaa

5. Hajjii Elemoo

6. Abbishaa Elemoo

7. Muhaammad Elemoo 

8. Kadir Qabaatoo

9. Aliyyii Qabaatoo

10. Siraaj Gannaa

11. Tamaa Abdulqaadir

12. Tunnaa Gammachuu

13. Ahimed Nuuraa

14. Amaan Huseen fi

15. Gammachuu Ussoo kanneen jedhaman ta’uun barameera.

Namootni manneen jalaa gubate kun yeroo ammaa maatii lafa jiraachisan dhabuun manneen namootaatti galanii dararamaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading