• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti ergamtootni bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti hidhaa fi saamicha raawwatan

Jul 16, 2024

ONM-ABO Adoolessa 16, 2024

Imphaayera Itoophiyaa jalatti ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf lukkeeleen bilxiginnaa badii tokko malee gara jabina hammaataa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti jiraattota saamuu fi hidhuu hammeessanii jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan, Adoolessa 12, 2024 jiraataa ganda Aliitoo Waradii kan ta’e nama maqaan isaa Luluu Fidaaduu jedhamu  jalaa qotiyyoo tokko oofattanii deemuu jiraattonni gandichaa himan.

Dabalataanis, onichuma ganda Gonka Ijaa jedhamutti guyyuma kana namoota maqaan isaanii Namarraa Kumsaa fi Qaree Dekkaa jedhaman “hidhata WBO qabda” jechuun badii tokko malee hidhanii dararaa hamaa irraan ga’aa jiraachuun ifoomeera.

Adoolessa 13, 2024 ganda Caalii Jimaa jedhamu irraa nama maqaan isaa Tamasgeen Taaddasaa jedhamu “ilma keetu WBO keessa jira” jechuun badii tokko malee hidhaatti darbatanii jiraachuu fi yakkoonni gara jabinaa danuun jiraattota aanichaa irratti garmalee hammaachuus itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading