• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfillootti loltoonni imphaayera Itoophiyaa dargaggoo tokko rasaasaan madeessan

Jul 16, 2024

ONM-ABO Adoolessa 16, 2024

Dargaggoota Oromoo gaadee qabee hidhuu fi rasaasaan rukutuun ol adeemoo irbaata rasaasaa gochaa kan jiru waraanni faashistii Abiy Ahimediin durfamu kutaalee Oromiyaa adda addaatti duula duguuggaa sanyii labseen uummatni Oromoo lafarraa dhumaa jira.

Haaluma kanaan, godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfillootti loltoonni imphaayera Itoophiyaa dargaggoo tokko rasaasaan dhahanii madeessaniiru.

Aanaa Anfilloo ganda Suddii jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Maammush Sa’id jedhamu Adoolessa 15, 2024 naannoo sa’atii 9:00’tti humni goolessituu Raayyaa Ittisa imphaayerattii jedhaman rasaasa itti dhukaasuun harka isaa madeessanii jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan argan ni dubbatu.

Akka namoonni kun jedhanitti, “Konkolaataa ganda Ashii irraa ka’ee gara Dambii Doolloo deemaa tureef lafa irraa sakatta’uuf kan bobba’an waraanni bilxiginnaa sababa tokko malee rasaasa itti dhukaasuun dargaggoo kana harkasaa irra rukkutan” jechuun dubbatu.

Aanichatti yakkoonni gara jabinaa adda addaa harka loltoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti garmalee raawwatamaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply