ONM-ABO Adoolessa 16, 2024
Godina Arsii Bahaa aanaa Munneessaa keessatti nama maqaan isaa Qabaatoo Buttaa jedhamu maqaa ilma keetu miseensa WBO’ti jedhuun baatii torba dura erga hidhanii hanga har’aatti nama kana gidirsaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Sababni qabamuu maanguddoo kanaas tarkaanfii naannoo kanatti WBO’n fudhate hundi ajaja ilma keetiin raaawwatame jechuun gaafatama ilma isaa gara maanguddoo kanaatti deebisuun gidirsaa akka jiran jiraattonni gandichaa himan.
Yoo WBO’n qondaaltota Bilxiginnaa ajjeese atis ni duuta jechuun mana hidhichaa keessatti nama kana gidirsaa akka jiran ifoomeera.
Erga isa hidhaatti darbatanii boodas mana jireenyaa isaanii magaalaa Qarsaa ganda 01 keessa jiru akka hin jiraanne dhorkuun maatiinis lubbuu isaanii oolfachuuf jecha gara magaalaa birootti akka baqatan taasisaniirus jedhan.
Haaluma wal fakkaatuun aanaa Eeban Arsii Amba-Goda Sadee jedhamu keessatti nama maqaan isaa Fayyisaa Badhaasoo jedhamu haadha manaa isaa Aadde Walalaa Koollee fi Caaltuu Fayyisaa intala isaa waggaa afur mana hidhichaa keessatti dararaa akka turanii fi Aadde Walalaa baatii kana keessaa Adoolessa 4, 2024 mana hidhaa irraa akka baasanii fi abbaa intalaa hanga ammaatti illee gidirsaa akka jiran dubbatu.
Erga hidhaa irraa baatee boodas lafa ishee akka hin qotanne ugguranii jiraachuu dabaluun ibsaniiru.









