ONM-ABO Adoolessa 16, 2024
Imphaayera Itoophiyaatti hojiileen angaa’ota sirnichaan hojjetaman irra keessi isaa gaarii fakkaachuun yeroo hedduu miidiyaaf kan dhiyaatu, keessoon isaa miidhaa guddaa baatee hawaasatti gadi ba’aa jira.
Koloneel Abiy Ahimed yeroo aangootti dhufee kaasee gam-tokkoon biqiloota uumamaaf kunuunsa taasisna jechaa kallattiilee biroon ammoo WBO’tu keessa buufata jedhee bakkeewwan adda addaatti kan gubaa ture, guyyaa Adooleessa 14, 2024 irraa eegalee jiraattota bulchiinsa magaalaa Buraayyuun duula biqiltuu dhaabuu qabna jechuun namoota hojii isaanii irraa dirqamaan guuraa jiraachuun himame.
Namootni bakkeewwan hojii keenyaa yoo hafne maal nyaannee bulla, danqaa nutti uuma jedhan hundaa waraanni fi milishoonni sirnichaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessaa qabuun hidhanii hiraarsaa jiraachuun beekameera.
Itti dabaluun akka jiraattonni jedhanitti uummanni magaalichaa qaala’iinsa jireenyaan wal-qabatee rakkoo hamtuu keessa akka jiran kaasuun, hunduu hojii guyyaa irratti hirkatee kan jiraatuu fi siyaasa isaa qofaaf yaaduun uummata bakka hojii isaa irraa dirqamaan akka bilqiltuu dhaaban gochaa jirus jedhan.
Hojiileen bara bulchiinsa sirna bilxiginnaatti hojjetamaa jiru uummata impaayerattii keessatti argamaniif sakaallaa jireenyaa yoo ta’u, keessattuu uummatni Oromoo dararaa jabaa sirnichaan dhaanamaa jiruun ba’ee hojjetachuun itti jabaatee jiraachuun ni beekama.





