• Fri. Mar 13th, 2026

Miseensotni waraana PP sadii  PKM fi AKM qabatanii WBO’tti harka kennatan

Jul 16, 2024

ONM-ABO Adoolessa 16, 2024

Murni faashistii PP ilmaan haadha hiyyeessaa barcuma aangoo isaa tikfachuuf humnaa fi goyyomsaan maatii isaanii biraa qabee leenjii kenneefii aarsaa hin barbaachisne akka kaffalan taasisaa jira.

Gocha badii Bilxiginnaa kan hubatan ilmaan Oromoo waraana Abiy Ahimed jala jiran mooraa nama nyaataa bilxiginnaa ganuun WBO’tti makamaa jiru.

Haala kanaanis godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessaa Adoolessa 12, 2024  miseensonni waarana PP 3 qawwee gareen qabatamu PKM  1 fi AKM 2 qabatanii WBO’tti dabalamaniiru.

Miseensotni waraana bilxiginnaa WBO’tti harka kennatan kun, Bilxiginnaan garee namoota muraasaa tortoraa jiruu fi saamicha irratti bobba’ee jiru ta’uu ibsuun, hojiin isaan hojjechaa jiran uummata ajjeechaan sodaachisanii barcuma isaanii tikfachuu fi dantaa guuttachuu dha jechuun ibsan.

Akkasumas mooraa isaanii keessatti walqoodiinsi sanyummaa daran dagaagee jiraachuu fi keessattuu waraana sabaan Oromoo ta’anii fi Amaaraa gidduutti wal ajjeesuun hammaatee akka jirus ibsaniiru.

Dhuma irrattis simannaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo taasiseefitti gammaduun, ilmaan Oromoo achi keessatti hafan mooraa bilxiginnaa ganuun qawwee fi hidhannoon WBO’tti akka makaman dhaamsa dabarfataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading