ONM-ABO Adoolessa 17, 2024
Gaaffii uummanni barbaadu karaa nagaan deebisuun uummaticha gara boqonnaa nagaa fi diimokiraasiitti ceesiisuu irra koloneel Abiy Ahimed afaan qawween furmaanni ni dhufa jechuun, waraana xumura hin qabnetti seenee aangoo isaa tikfachuuf daa’imman waraanaaf hin geenye dirqamaan butee gara waraanaatti erguun lubbuu qaaliin taphachaa jira.
Duula namoota ukkaamsuun leenjiitti erguu kan itti fufee jiru koloneel Abiy Ahimed, ergamtoota isaa fayyadamuun akkuma bartee isaanii namoota hedduu abbaa maatii irraa qabuun, akkasumas ijoollee maatii jalaa qabuun godina Arsii Lixaa aanaa Shaallaatti gara adda waraanaatti guuraa jiraachuun beekame.
Akka Jiraattonni jedhanitti ergamtoonni sirnichaa kunneen Adoolessa 16, 2024 manneen namootaa jala buluun yeroo namni hirribaa ka’u eeganii afaan qawwee itti qabuun fuudhanii gara leenjii waraanaatti guuraa turan jedhan.
Namootni roorroon bilxiginnaa itti hammaate hedduun gara leenjii waraanaa Bilxiginnaa hin deemnu jechuun gara bosonaa fi ooyiruu isaaniitti baqatanii akka jiran ONM’tti himaniiru.



