• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuu Galiilaatti Finxaaleeyyonni Amaaraa Faannoon  PP’n hidhachiifaman nama tokko ajjeesan

Jul 18, 2024

ONM-ABO Adoolessa 17, 2024

Humni finxaaleessaan Amaaraa kun fedhii lafa babalifannaaf qaban irraa kan ka’an garee  imphaayera Itoophiyaan kan deggeraman yeroodhaa gara yerootti Oromiyaa bakkoota hedduutti uummata Oromoo irratti yakki isaan dalagan daangaa kan hin qabnee fi ammas gocha kana itti fufanii jiraachuun, keessattuu torban kanas bifa addaan qindaa’anii ka’anii jiru jechuun  jiraattoonni dubbatu. 

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuu Galiilaa ganda Bakkoo Guddinaa jedhamu keessatti Adoolessa 16, 2024 hidhattoonni badii Faannoo nama nagaa hojii isaa hojjetu bakka qonnaa isaatti osoo inni qonna qotuu rasaasa itti roobsuun obbo Dassaalee Angaa nama jedhamu ajjeesan. Nama du’e kana malees hedduun lubbuu ofii olfachuuf baqatanii bosona bulaa jiraachuu jiraattotni ibsan.

Gochi duguuggaa sanyii fi fedhii lafa baballifannaaf finxaaleeyyonni Amaaraa sirnichaan tumsamuun raawwachaa jiran kun uummata Oromoo irratti dhiibbaa uumaa  jira. Jiraataan tokko akka ONM’f yaada isaa qoodetti Uummanni Oromoo tokkummaan ka’ee yoo qolate malee lafa, qabeenyaa fi nama keenya qe’ee keenya irratti dhabuuf deemna jechuun yaada isaa ibse.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading