ONM-ABO Adoolessa 18, 2024
Yeroo hedduu waltajjiiwwan adda addaa irratti koloneel Abiy Ahimed akka waan aantummaa uummata Oromoo qabuu of fakkeessuun kan dubbatu yoo ta’u, gochi inni keessoon dalagaa jiru garuu gocha suukkanneessaa uummata gadadootti hambisuu fi duguugee balleessu ta’ee ifatti mul’atee jira.
Humnoonni har’a uummata Oromoo kallattii hundaan qabeenya irratti gubanii barbadeessuu, saamuu fi ajjeesuu irratti bobba’anii jiran kunneen jalqaba koloneel Abiy Ahimediin meeshaa kan hidhachiifaman yoo ta’u, xiyyeeffannoon isaaniis uummaticha qe’ee isaa keessatti nagaa dhoowwachuu akka ta’e beekamaadha.
Guyyaa kaleessaa jechuun Adoolessa 17, 2024 hidhattoonni finxaaleeyyii Amaaraa Oromiyaa nagaa dhowwachuuf karoorfatanii duula banan Kaaba Shaggar aanaa Darraa ganda Jirruu keessatti namoota sadii ajjeesuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Obbo Jobboo Abarraa, Mulgeetaa Abbuu fi Abbabuu Tasammaa kanneen jedhaman qonnaan bultoota humna badii kanaan ajjeefamaniidhas jedhan jiraattonni.
Itti dabaluunis aanaa Darraa keessatti ajjeechaa suukkanneessaan uummata Oromoo irratti raawwatu, gubaatiin manneenii fi hidhaan garmalee akka ta’e himuun, kana jalaa tokkummaan qabsaa’uu qofatu boqonnaa nagaatti nu fida jechuun dhaamsa dabarfataniiru.


