• Fri. Jan 2nd, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti waraanni abbaa irree badii tokko malee rasaasa itti roobsuun nama tokko ajjeesan

Jul 18, 2024

ONM-ABO Adoolessa 18, 2024

Bulguun bifa namaa uffatee nama keessa socho’aa oolu kan naatoo dhala namaaf hin qabne waraanni bilxiginnaa ilmaan Oromoo dhiiga dhangalaasuun lubbuu dabarsee barcuma siyaasa isaanii tikfachuuf hojii isaan hojjetan itti fufee jira.

Cubbuun uummata Oromoo irratti sirnichaan raawwatamaa turee fi jiru itti fufuun lubbuun kumaatamni hedduun kan harkatti badee jiru, har’as saalfii tokko malee ajjeechaa geggeessaa jiru.

Haluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti Adoolessa 16, 2024 naannoo sa’a 12:00’tti nama maqaan isaa Waggaarii Wandimmuu jedhamu magaaluma Begii keessatti rasaasaan rukutuun kan ajjeesan yoo ta’u namni kun hojii gaarii harree fe’uun ba’aa guuree jiraata.

Namni Waggaarii jedhamu kun jiraataa ganda Beengaa yoo ta’u, ganda Beengaa irraa gara magaalaa Begii dhaqee hojjetee kan jiraatu ta’us yakka tokko malee ajjeefamuu maddeen ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading