ONM-ABO Adoolessa 19, 2024
Gareen Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo fi Raayyaan Ittisa Imphaayerattii godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa ganda Xiroo Gubduu keessatti Adoolessa 18, 2024 lola uummata irratti bananiin miidhaa guddaan hawaasa irra ga’ee jira.
Lola uummata irratti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon gandicha keessatti banan kana dhaabuuf poolisootni humna addaa Oromiyaa bakka sanatti kan argaman yoo ta’u, hidhattotni Faannoo Raayyaa Ittisa Imphaayerattii dabalachuun poolisoota Shimallis Abdiisaa uummata waliin walitti rukutanii jiru.
Tarkaanfii humni waloo Faannoo fi raayyaan ittisa Imphaayerattii fudhachaa jiran kanaan gama uummataan namootni hedduun du’uu fi madaa’uun qabeenyaan manneen dabalatee gubachuun barbadaa’eera.
Humni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon kun mootummaa naannoo Giddu Galeessa Itoophiyaa godina Guraagee irraa wal ijaaruun akka dhufantu himama.
Humnootni finxaaleeyyii Amaaraa kun qubattoota Amaaraa mootummaa naannoo sabaa fi sablammootaa durii keessatti of ijaaruun gara Oromiyaatti ce’anii miidhaa kan geessisaa jiran yoo ta’u, baatii darbe keessas tarkaanfii suukkanneessaa godina Lixa Shaggar aanaa Daannoo keessatti Boombii darbataniin namoota nagaa 51 ajjeesuun gara Uummattoota Kibbaatti ce’uun isaanii ni beekama.
Yeroo gochi kun aanaa Daannoo keessatti uummata irratti raawwate Raayyaan Ittisa Imphaayerattii tarkaanfii fudhate kan hin qabne yoo ta’u, mootummaa naannoo Oromiyaati kan ofiin jedhu Bilxiginnaan Shimallis Abdiisaafaas tarkaanfii homaatuu hin fudhatin hafaniiru.


