• Sun. Mar 15th, 2026

Waraanni Israa’el hoogganaa olaanaa garee Jamaa Islaamiyaa lammii Libaanos ajjeese

Jul 19, 2024

ONM-ABO Adoolessa 19, 2024

Hoogganaan olaanaa garee Jamaa Islaamiyaa Libaanos haleellaa diroonii Israa’el baha Libaanos keessatti raawwatteen ajjeefamuu miidiyaaleen biyya keessaa Kamisa kaleessaa gabaasan.

Dhaabbanni oduu Libaanos NNA akka jedhetti, hogganaa olaanaa garee Islaamummaa Libaanos kan ta’e Mahmuud Mohaammad Jibaraa, baha Libaanos naannoo Bekaa Dhihaatti haleellaa qilleensaa irraa dirooniin Israa’el konkolaataa isaa irratti raawwatteen ajjeefamuu isaa ibseera.

Tarkaanfiin kun kan dhufe  yeroo waraanni Israa’el namoota nagaa Libaanos keessa jiran irratti xiyyeeffachuu yoo itti fufte, qubsuma haaraa Israa’el keessaa rukutuuf barreessaan olaanaan garee Hizbullaah Hasan Nasrallah Kibxata darbe doorsisa taasisan hordofuun ta’e.  

Haleellaa daangaa qaxxaamuraa wal jijjiiruun Israa’elii fi garee diddaa fi siyaasaa Libaanos gidduutti lola guutuu ta’etti darba jedhamuun sodaan uumame guddachaa dhufeera.

Haalli kunis kan hammaate   haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwatte kan lubbuu namaa galaafatteen booda yoo ta’u, haleellaa garee diddaa Hamaas hordofuun Onkoloolessa irraa eegalee lammiileen Falasxiinotaa gara 38,800 ta’an Gaazaa keessatti ajjeesteetti jechuun miidiyaaleen gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading