ONM-ABO Adoolessa 20, 2024
Baanglaadeesh keessatti guyyaa tokkotti walitti bu’iinsa hokkaraa guutuu biyyattii keessatti uumameen yoo xiqqaate poolisoonni 104 fi gaazexeessitoonni 30 madaa’uu isaanii broodkaastiin dhuunfaa Independent Television gabaaseera.
Neetworkiin kun akka jedhetti, Kamisa darbe waldhabdee poolisii fi barattoota mormitoota gidduutti uumameen namoonni 702 kan madaa’an yoo ta’u, aanaalee biyyattii 64 keessaa 26 keessatti walitti bu’iinsi uumameera.
Mormitoonni gamoolee mootummaa hedduu akkasumas konkolaattota daandiirra jiran irratti ibidda qabsiisuu isaanii ibsi poolisii baase ni mul’isa.
Namoonni kun kanaan duras waajjiraalee broodkaastii mootummaa BTV fi dhaabbata bulchiinsa balaa biyyaalessaa irratti, gamoolee poolisii fi mootummaa “garaa garaa” waliin gubuu, mancaasuu fi hojii diigumsaa raawwataniiru jedha ibsi kun. Kamisa galgala irraa qabuun interneetiin guutuu biyyaattii keessaa cufameera.
Ibsi kun kan ba’e Kamisa galgala erga cufamuu interneetii guutuu biyyattii kaa’amee booda yoo ta’u, kunis sarara qunnamtii Baanglaadeesh addunyaa alaa waliin qabdu addaan kuteera.
Walitti bu’iinsa seera qacarrii siviil sarvisii irratti mormii barattootaatiin kan ka’e torban kana keessa namoonni 39 kan du’an yoo ta’u, guyyaa jeequmsaa hanga ammaatti lubbuu namaa galaafataa jiru kanaan Kamisa darbe namoonni 32 ajjeefamaniiru.
Jeequmsi guutuu biyyattii, erga Ministirri Muummee Sheek Hasinaa jalqaba bara kanaa irra deebiin filatamtee as isa guddaa ta’e kun, hoji dhabdummaa dargaggootaa olaanaa ta’een akka malee finiineera. Uummata biyyattii miliyoona 170 keessaa gara harka shanaffaa hojii ykn barnoota dhabaniiru.
Mormitoonni mootummaan hojii mootummaa dhibbeentaa 30 maatii namoota bara 1971 waraana walabummaa Paakistaan irraa lolaniif ramaduu akka dhaabu gaafachaa jiru. Ramaddiin kootaa akka itti fufu murtoo Manni Murtii dabarseef ol iyyannoon Mootummaan Baanglaadeesh akka ramaddiin kootaa ka’uuf gaafate Hagayyaa 7 ni dhaggeefatamaaf jechuun Rooyiters gabaaseera.







