• Sat. Mar 14th, 2026

Giddugaleessa Kirooshiyaa mana kunuunsa dulloomaa keessatti namni qawwee hidhate yoo xiqqaate namoota jaha ajjeese

Jul 23, 2024

ONM-ABO Adoolessa 23, 2024

Namni qawwee hidhate tokko mana kunuunsa maanguddootaa giddugala Kirooshiyaa magaalaa Daaruvar keessatti argamu seenuun yoo xiqqaate namoota jaha ajjeesuu qondaaltonni himaniiru.

Poolisiin akka jedhetti, Wiixata kaleessaa ganama sa’atii 10:00  booda namni meeshaa waraanaa fayyadame tokko mana kunuunsaa keessatti namoota hedduu ajjeesuu fi madeessuun isaa himame.

Shakkamaan kun kan baqate yoo ta’u, garuu poolisiin osoo hin turin kaaffee magaalaa guddoo Daaruvar keessatti argamu keessatti isa qabate.

Poolisiin Kaawuntii Bijelovar-Bilogora ibsa kenneen, ”namni yakka kanaan shakkame to’annoo jala ooleera,” jedheera.

Lakkoofsi namoota du’anii sirriin ammallee murtaa’aa jira.

Lakkoofsi namoota du’anii jalqaba irratti afur akka ta’e kan himame yoo ta’u, yoo xiqqaate namoota torba dhukaasa kanaan madaa’an keessaa tokko erga du’aan boqotee booda Wiixata waaree boodatti gara jahaatti ol guddateera.

Namoota madaa’an keessaa shan miidhaan cimaan irra gaheera jedha itti gaafatamaan hospitaala naannoo Pakiraach jiru.

Hoogganaan tajaajila balaa tasaa naannichaa Neenaad Mirzilek preesii biyya keessaa akka himanitti, ”Gareen keenya ammallee bakka sanatti argamu, dursi kan kennamu gargaarsa barbaachisaa hundaaf kennuudha,” jedhan. 

Manni dhuunfaa kun naannoo namootni 20 kan keessa turan yoo ta’u,  kantiibaan magaalaa Daaruvar Damir Linenisek himaniiru.

Dhukaasni jumlaa Daaruvar keessatti raawwatame saba Adriyaatik gara miliyoona 3.8 qabduu fi hooggantoota ishee rifachiiseera.

Pirezidaantiin Kirooshiyaa Zoran Milaanoovićh ”yakka hamaa kanaan dura hin argamne” jechuun balaaleffataniiru.

Angawoonni kaayyoo haleellaa kanaa qorachaa jiru. Namni qawwee hidhate kun garuu bara 1990’moota keessa waraana walabummaa Kirooshiyaa keessatti nama durii ta’uun ni amanama.

Daaruvar magaalaa Ispaa fi bulchiinsa magaalaa Islaavooniyaa yoo taatu, baay’ina ummataa gara 8,500 qabdi jechuun Yuurooniwus gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading