• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruutti lukkeeleen Bilxiginnaa uummata nagaa saamuu cimsanii itti fufan

Jul 23, 2024

ONM-ABO Adoolessa 21, 2024

Waranni murna nama nyaataa bilxiginnaa kolonel Abiy Ahimediin bobbaafaman ilmaan Oromoo dinagdeen quucarsuu kaayyoo isaanii godhatanii kan socho’an, golee Oromiyaa mara keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhuun qabeenya uummata nagaa saamaa fi barbadeessaa jiraachuun beekamaadha. 

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kootichaa Maloolee jedhamutti, Adoolessa 15, 2024 nama maqaan isaanii Obbo Yaadasaa Galataa jedhamu jalaa loon lama (2) saamanii deemuu fi uummata nagaa dararaa turuu jiraattonni himan.

Aanichaatti saamichi qabeenya qonnaan bultootaa irratti geggeeffamu guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa akkuma deemeen uummanni gariinis qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa gara biraatti godaanaa jiru jechuun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading