ONM-ABO Adoolessa 23, 2024
Loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa qonnaan bultoota Oromoo irratti ajaja Kolonel Abiy Ahimediin bobbaafamuun magaalaa keessaa akka kubbaatti uummata dhiitaa baadiyyaatii ammoo, sobaan yakkanii hawaasa nagaa ukkaamsuun hidhanii achi buutee dhabamsiisaa, akkasumas; ajjeechaa suukkaneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun rakkoolee ilmaan namootaa irra gahanii hin beekne raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti loltoonni imphaayera Itoophiyaa qonnaan bulaa Oromoo tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuun eerameera.
Aanicha ganda Coffee Minkee jedhamu irraa Adoolessa 21, 2024 halkan sa’atii 4:00’tti mana isaa dhaquun gadi waamanii qotee bulaa maqaan isaa Obsuu Gaarii jedhamu “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda” jechuun badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf haala suukkaneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen keenya itti dhiyoo himan.

