• Sun. Mar 15th, 2026

Haaris kaadhimamaa pirezidaantii Dimookiraatotaa injifachuuf deggarsa bakka bu’oota gahaa argatteetti

Jul 23, 2024

ONM-ABO Adoolessa 23, 2024

Itti aanaan pirezidaantii Ameerikaa Kamalaa Haaris Wiixata kaleessaa deggarsa bakka bu’oota gahaa argachuun kaadhimamaa pirezidaantii paartii Dimookiraatotaa injifachuu danda’aniiru.

“Kaadhimamaa dhaaba keenyaa ta’uuf deeggarsa barbaachisu argachuu kootti nan boona, akka intala Kaalifoorniyaattis jilli kutaa biyyaa koo duula keenya sadarkaa olaanaa irra kaa’uuf gargaaruu isaatiin nan boona,” jechuun Haaris X irratti dubbatteetti.

Ji’oota muraasa dhufan keessatti, Haaris guutuu biyyattii keessa imaltee Ameerikaanota waliin waa’ee waan sarara irra jiru hunda akka haasoftu dubbatteetti.

Itti dabaluudhaanis, ”Paartii keenyaa fi saba keenya tokkoomsee Doonaald Tiraamp injifachuuf yaada guutuun qaba,” jetteetti.

Pirezidaantiin Joo Baayiden Dilbata darbe Sadaasa 5 irra deebiin filatamuu akka hin barbaanne murteessanii fi Haaris kaadhimamaa Paartii Dimookiraatawaa akka taatuuf “deggarsaa fi tumsa guutuu” erga dhiyeessaniin booda, duula filannoo pirezidaantummaa ishee ifatti jalqabde.

Jilli kutaalee 30 ol irraa dhufan 2,200 ol ta’an Haaris kaadhimamaa akka taatuuf raggaasisaniiru jedha gabaasni.

Murteen Baayiden Haaris raggaasisuuf murteesse dirqama miti, sababiin isaas bakka bu’oonni kaadhimamaa filannoo isaaniif sagalee kennuuf bilisa waan ta’aniif.

Konveenshiniin Biyyoolessaa Dimookiraatotaa Hagayya 19-22’tti Chikaagootti walga’uuf jira jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading