• Sat. Mar 14th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti gubaatiin manneen namootaa fi saamichi loltoota sirnichaan raawwatame

Jul 23, 2024

ONM-ABO Adoolessa 21, 2024

Godaannisa seenaa uummata Oromoo keessaa hin baane kan irratti raawwachaa jiran tiksitoonni garee maafi’aa PP irraa ergama fudhachuun uummata keessa bobbaafaman  guyyuu qe’ee namootaa honsuu itti fufanii jiru.

Guyyoota lamaaf walitti aansuun Lixa Shaggar aanaa Jalduu gandoota akka Qoricha Dheeraa, Qoricha Badhaas fi Bonii keessaa saamichi fi gubaatiin manneen namootaa irratti ergamtoota sirnichaan raawwatamuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Adoolessa 18-19, 2024 gandoota armaan olitti eeraman kanneen keessatti namoota maqaan isaanii Tafarraa Hordofaa jalaa mana 1, Abdoo Taasisaa jalaa mana 1, Abbabee Taasisaa jala mana 2 gubanii yoo barbadeessan, Lammeessaa Dirribaa jalaa horii 2, Amanaa Badhaadhaa jalaa horii afur saamuu jiraattonni gandichaa dubbatu.

Namoonni qabeenyi isaanii saamamee fi gubate kunneen namoota nagaa hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraatan yoo ta’an, sababuma WBO’n bakkicha keessa socho’u qofaaf yakkoota gara jabeenyaa hanga kanaa uummata kana irratti raawwatanis jedhan.

Itti dabaluunis namoonni kunneen qabeenyi isaanii midhaan, uffannaa maatii fi mi’a mana keessaa dabalatee gubachuun akka barbaada’es himan.

Akka jiraattonni jedhanitti waqtii gannaa kanatti maatii fi maanguddootni dadhaboon roobatti gadi darbatamuun rakkoo hamtuuf saaxilamanii jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading