• Tue. Nov 24th, 2026

Qindeessitootni mormii Yugaandaa ibiddaan taphachaa jiru jedhan pirezidaantiin Yugaandaa

Jul 23, 2024

ONM-ABO Adoolessa 22, 2024

Pirezidaantiin Yugaandaa Yoweerii Museeveni imormitoonni Kibxata dhufu hiriira farra malaammaltummaa gara paarlaamaatti gaggeessuuf karoora qaban yoo itti fufan ”ibiddaan taphachuu” akka ta’e akeekkachiisaniiru.

Dargaggoonni Yugaandaa malaammaltummaan mootummaa keessatti akka dhaabbatu gaafachuuf hiriira kana miidiyaa hawaasaa irratti qopheessaa turaniiru.

Obbo Museveniin haasaa televijiiniin taasisaniin, mormiin isaan karoorfatan akka hin obsine qindeessitoota Yugaandaa akeekkachiisaniiru.

“Qabeenya oomishuuf hojiitti qabamnee jirra isinis asitti nu jeequu barbaaddu; akka nu jeeqxan hayyamuu waan hin dandeenyeef ibiddaan taphachaa jirtu,” jedhe.

Mr Museveniin erga bara 1986 aangoo qabatanii asitti afaan qawween Yugaandaa bulchaa jiru jechuun qeeqxota isaaniitiin kan himataman yoo ta’u, deeggartoonni isaanii garuu mootummaa Baha Afrikaa keessatti tasgabbii qabaachuu isaaniif isa jajatu.

Poolisiin kanaan dura hiriirri kun akka gaggeeffamuuf hayyama kennuu diduu isaa beeksisee ture.

“Hiriira karaa nagaa gaggeessuuf hayyama poolisii nu hin barbaachisu Mirga heera mootummaa keenyaati,” jechuunis dubbatu qindeessitootni.

Mootummoonni UK fi Ameerikaa af-yaa’ii paarlaamaa Yugaandaa, Anita Annet Among, malaammaltummaadhaan erga himatamtee booda, jalqaba bara kanaa irratti qoqqobbii kaa’aniiru.

UK’n ministeerota mootummaa lama kanneen Mr Museeveniin malaammaltummaan hojiirraa ari’aman irrattis qoqqobbii walfakkaataa raawwachiiftee jirti jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply