ONM-ABO Adoolessa 22, 2024
Murni bilxiginnaa jibbiinsa uummatni Oromoo sirnicha irraa qabu ukkaamsee sodaachisee bulchuuf qabeenya namaa saamuu, hidhuu hanga ajjeesuutti marartoo tokko malee namoota nagaa irratti raawwachaa jira.
Jimaata darbe Adoolessa 19, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Innaangoo kaalliitti wal dorgommii tapha kubbaa miillaa ganda Laaloo Waanjoo fi Innaangoo Kaallii gidduutti geggeeffame sababeeffachuun taphattoonni afeerraa godhatanii kan turan yoo ta’u, sababa kanaaf waan wal hin ilaallanne wilitti hidhanii, isintu sagantaa kana qopheesseef jechuun namoota nagaa mana hidhaatti guuranii jiru.
Namootni sababa kanaan waraana faashistii PP’n hidhamanii jiran kunneen; koree afooshaa kan ta’an, Obbo Zawudee Toommaa, Obbo Zagayyee Guuttataa, Garramuu Oljirraa, Aadde Abbabuu Moosisaa fi shamarree Baaccuu Balaay yoo ta’an, namootni kun yeroo ammaa waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen gabaasaniiru.


