• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Shaggar keessatti waraanni goolessaan bilxiginnaa namoota sadii ajjeesuun dhagaa’ame

Jul 24, 2024

ONM-ABO Adoolessa 24, 2024

Murni lubbuu ilmaan Oromoo akka baalaa harcaasaa oolu bilxiginnaan golee Oromiyaa mara keessatti deggarsa  bulchiinsa isaaf hawaasa irraa erga dhabee kallatumaan  murtii ajjeechaatti darbuun koree ajjeechaa qindeeffatee ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee ajjeechaa daangaa hin qabne irratti raawwachaa jira.

Haaluma kanaan Adoolessa 20, 2024 Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii ganda Shubii Gamoo iddoo addaa Qaraaruu jedhamutti waraanni faashistii Abiy Ahimed dargaggoota ammaaf maqaan nu hin geenye sadii waajjira poolisii keessaa baasanii ajjeesanii gatuu jiraattonni reeffa sana lafatti argan ONM’tti himan.

Akka Jiraattonni bakkichaa jedhanitti ajjeechaan ilmaan Oromoo mana hidhaa irraa baasanii ajjeesuun kun bakkichatti haaraa akka hin taane kaasuun, torban keessatti yeroo lamaa fi isaa ol hidhamtootni halkan irra mana hidhaa keessaa dhoksaan baafamanii ajjeefamaa jirus jechuun dabaluun ONM’tti himaniiru. 

Leave a Reply