ONM-ABO Adoolessa 24, 2024
Aangaa’onni bilxiginnaa akkuma warra isaan dura aangoo imphaayerattii irra turanii aangoo isaaniitti fayyadamuudhaan jibbiinsa sanyummaa Oromoof qabaniin miidhaa geggeessuun qe’ee Oromootaa saamuu, gubanii mancaasuu fi gariin ammoo irraa ari’uun onaa taasisaniiru.
Bifuma kanaanis torban darbe irraa kaasee doorsisaa fi dararaan irratti jabaatee akka jiru kan himan jiraattonni godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii manneen isaanii waraana gabroomfataa PP’n irratti diigamuun qorqorroon isaa fe’amaa akka jirus dubbatu.
Jiraattota aanaa Gidaamii ganda Kommii Kojjii kan ta’an Mangistuu Dhugumaa fi Misgaanuu Hiikaa kan jedhaman waraanni faashistii PP gara laafina namaaf hin qabne manneen isaanii diiganii dargaggoo Mangistuu Dhugumaa jalaa qorqorroo baallee 45 manarraa buqqifachuun, meeshaalee mana keessaa uffannaa, midhaan, teessumaa fi kanneen biroo gubuun kan barbadeessanii fi obbo Misgaanuu jalaa ammoo qabeenyaa isaa dukkaana tokko guutuu, mana irraa qorqorroo baallee 25 diiggachuun kanneen hafan ammoo gubanii barbadeessuun akka deeman jiraattonni himaniiru.
Bilxiginnaan Oromoo gabroomsee sabni guddaan kun guutummaatti afaan tokko, aadaa tokko, seenaa tokko, amantii tokko qabaachuun garee leellistoota abbootii irree jalatti akka hiriiraniif gidiraa hanga kanaa irratti raawwachaa akka jirus ifa galaa ta’uu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

