ONM-ABO Adoolessa 24, 2024
Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa godina Haadiyyaa aanaa Baadawaachoo keessa kan jiraatan hojjettoonni hospitaala sadarkaa tokkoffaa Shonee 300 ol miindaan ji’a lamaa waan isaaniif hin kaffalamneef Jimaata Adoolessa 19, 2024 irraa kaasee lagannaa gaggeessaa jiru.
Ogeessi fayyaa hospitaalichaa maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko Addis Standarditti akka himetti, hooggansi hospitaalichaa fi bulchiinsi aanaa Baadawaachoo kaffaltii miindaa raawwachuu dhabuu isaanii lagannaa hojjettoonni gaggeessaa jiran kanaaf sababa ta’eera jedhan.
“Sababa miindaa dhabuu keenya kanaan wantoota barbaachisoo ta’an bitachuu fi ijoollee keenyaaf nyaata dhiyeessuuf rakkachaa jirra kan jedhu namni kun haala jireenyaa yaaddessaa keessa jiraachuu ibsa. Miindaan keenya akka nuuf kaffalamu gaafachuuf hojii dhaabnee jirras,” jedhe.
Murni bilxiginnaa kufaatiin dinagdee hamaan kan isa qabatee jiruu fi dingdeen biyyattii hundi lola imphaayerattii keessatti geggeeffamaa jiruun dhumaa akka jiru ONM yeroo irraa gara yerootti gabaasaa turuun kan yaadatamuudha.



