• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaalee adda addaatti dhukkubni busaa garmalee hawaasa miidhaa jiraachuun ibsame

Jul 30, 2024

ONM-ABO Adoolessa 25, 2024

Lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa irratti wantoota miidhaa geessisan dalaganii dalagsiisaa ooluu malee faayidaa hawaasaaf furmaata kan hin keenye, Oromiyaa ni bulchina jedhan irraa illee qoricha, dhiyeessii fayyaa fi ogeessa irraa kutuun Oromiyaa harki 91 dhibee busaan qabamuu isaanii gabaasa Caffee Bilxiginnaa irraa dhageenyee dha.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaalee adda addaatti dhukkubni busaa garmalee hammaachuun jiraattota miidhaa jiraachuun ibsameera.

Aanaa Sibuu Sireetti dhukkubni busaa kun jiraattota miidhaa kan jiru ta’uun ganda Baqqoo Jimaa jedhamu keessaa Adoolessa 20, 2024 qofa namoonni kudhanii ol ta’an dhukkuba kanaan du’uu fi guyyaa irraa namni hin du’in kan hin oolle ta’uun beekamee jira.

Godinichuma aanaalee akka: Limmuu, Giddaa Ayyaanaa, Haroo Limmuu, Eebantuu fi Kiiramuu keessattis dhukkubni kun hawaasa hedduu garmalee ajjeesaa kan jiru ta’uu jiraattonni himaniiru.

Hospitaala Giddaa Ayyaanaa keessatti wal’aansaaf kan dhaqan sababa qorichi gahaa hin jirree fi lukkeeleen bilxiginnaa hawaasa nagaa adamsanii ukkaamsuun mana hidhaatti waan darbataniif rakkoon kun akka babal’atu ta’ee jira.

Kana malees qorichaa fi dhiyeessiin fayyaa ugguramuun, akkasumas mana hawaasaatti farri bookee busaa biifamuu hanqachuun babal’ina dhibee kanaaf shoora olaanaa taphachaa jira.

Murni bilxiginnaa kun uummaticha qoricha irraa kutuun karaa tokkoon dhibeen akka dhuman yoo taasisu karaa biraan ammoo rasaasaan waadee ajjeesee lafarraa fixuuf karoora isaa jabaa taasifatee raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading