• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Kibba Lixa  Shaggar aanaa Daawootti waraana maafi’aa PP’n sarbamiinsi mirga namoomaa jiraattota irratti raawwachuun jumlaan hidhaatti guuramaa jiraachuu ONM’tti himan

Jul 30, 2024

ONM-ABO Adoolessa 27, 2024

Bilxiginnaan imaammata sabboonummaa fi Oromummaa cabsu baafatee labsii Oromoo hidhuu, saamuu fi ajjeesuu labsuudhaan lammiilee nagaa gidiraa hamaa irratti taasisuu  fi yakka malee namoota seerdhablummaan gidirsaa jiru.

Akkuma kanaanis godina Kibba  Lixa  Shaggar aanaa Daawootti waraanni gabroomfataan PP yakka tokko malee Adooleessa 24, 2024 ganda Daawoo Sadeen magaalaa xiqqoo Daawoo jedhamu keessatti namoota nagaa hedduu maqaa WBO nyaachistu jedhuun yakka tokko malee reebicha ulfaataa irratti taasisuun magaalaa Buusaatti geessanii hidhanii hiraarsaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Jiraattonni hidhamanii jiran muraasni maqaan nu ga’e: Toleeraa Dajanee, Tasfaayee  Caalchisaa, Firaa’ol Mul’ataa, Dajanee Qanaasaa, Naggaa Leellisaa fi Malaakuu Siisaayee namoota jedhaman jiraattota nagaa hojiilee idilee isaaniitti bobba’anii jiran akka ta’an ifoomeera. 

Uummanni yakka malee hidhamanii jiran hojiin isaanii kanneen daldalan, mana rifeensaa qabanii fi hawaasa hojii guyyaa hojjechuun jiraatan akka ta’an kan himamu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon  yakkamuun akka qabamanis beekameera.

Leave a Reply