ONM-ABO Adoolessa 27, 2024
Waraanni imphaayera Itiyoophiyaa lubbuu fi dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun aangoo nam-tokkee tiksuuf bobbaafamanii jiran Oromiyaa bakka cufatti uummata Oromootti roorrisaa jiraachuun uummanni wabii jiraachuu dhabee qe’ee isaatti rakkachaa jiraachuun lubbuu isaa dhabaa jira.
Kaaba Shaggar aanaa Darraa ganda Bolkee jedhamu keessatti waraanni naatoo tokkollee ilma namaaf hin qabne badii isaa malee Oromummaan yakkanii maqaa isa hin ilaallannee itti maxxansuun Adoolessa 25, 2024 qonnaan bulaa Sindaw Nuuriyee jedhamu rasaasa itti roobsuun qe’ee isaatti ajjeesan.
Kan lubbuun ajjeesan kana malees namootni hedduun kan harkaa fiiganii ba’an yoo ta’u, akka jiraattonni naannichaa tokko tokko jedhanitti gochi ajjeechaa irra deddeebiin raawwachaa waan jiruuf hawaasni jiraachuuf yaaddoo keessa galanii jiru jechuun ONM’tti himaniiru.


