• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Wal-Qixxee keessatti waraanni gabroomfataa bilxiginnaa abbaa maatii tokko rasaasaan rukutuun ajjeesan

Jul 30, 2024

ONM-ABO Adoolessa 27, 2024

Ergamtoonni sirna gabroomfataa bilxiginnaa, imphaayera Itoophiyaa tiksuuf dhama’an yeroo irraa gara yerootti gochoota fokkisoo kanneen akka saamichaa, hidhaa, ajjeechaa fi qe’ee uummata nagaa ibiddaan barbadeessaa oolan irra deddeebiin goleewwan Oromiyaa cufa keessatti dararaa hamtuu uummata irraan ga’aa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan faashistoonni murna PP kun godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxee gandoota garaa garaa keessatti manneen jiraattotaa gubuun qabeenyas saamanii namoota nagaa hidhaatti guuranii jiraachuu yeroo darbe gabaasnee turre.

Ammas gochoota badii isaanii kana ittuma fufuun godinuma Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxee ganda Coffee Miinqee jedhamu keessatti ergamtoonni murna PP kun Adoolessa 22, 2024 abbaa maatii 4 kan ta’e nama maqaan isaa Adinoo Gaarii Bultoo jedhamu manaa qabuun ajjeesanii bakkeetti gatuu jiraattoonni onichaa ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading