• Sat. Mar 14th, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Dagam keessatti loltoonni sirnichaa walitti dhukaasuun wal ajjeesan

Jul 30, 2024

ONM-ABO Adoolessa 27, 2024

Dhiiga namoota nagaa guyyaa guyyaan dhangalaasaa fi manneen haadha hiyyeessaa irratti gubuun uummata Oromoo dhiiga boochisaa kan jiran loltootni Bilxiginnaa, faayidaa dhuunfaa fi taayitaa irratti wal loluun mooraa keessatti wal ajjeesuu itti fufanii jiru.

Giddu Gala Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Qundee Agamsoo keessatti waraanni tiksitoota imphaayera Itiyoophiyaa Adoolessa 22, 2024  walii isaanii walitti dhukaasuun  itti aanaan ajajaa 1000 tokko ajajaa isaa ajjeesuun ofiifis of ajjeesee jira.

Galgala tokkotti ajajaa 1000 fi itti aanaa isaa kan dhabe PP’n, rakkoon wal dhabdee isaanii miidhaa uummata irraan ga’aa jiran irratti akka ta’e barameera.

Kaaba Shaggar magaalaa Fiichee keessatti qondaalli waraana Bilxiginnaa waraana isaa irraa shakkii WBO deggertu jedhu horachuun poolisota humna  addaa 2 fi raayyaa ittisa imphaayerattii 3 halkan dirqama qabdu jechuun magaalicha mooraa Torban Ashee keessaa baasuun gaafuma Adoolessa 22, 2024 ajjeesuu maddeen waraana Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading