• Fri. Mar 13th, 2026

WBO’n Zoonii Bahaa Lixa Harargee aanaa Ciroo fi Giddu Galeessa aanaalee adda addaatti diina du’aa fi madoon adabe

Jul 30, 2024

ONM-ABO Adoolessa 27, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Zoonii Bahaa  godina Lixa Harargee aanaa Ciroo magaalaa Ciroo ganda  02’tti guyyaa dheengaddaa Adoolessa 25, 2024 tarkaanfii laalessaa humna diinaa irratti fudhateen waajjira araddichaa guutummaatti barbadeessee jira.

Tarkaanfii jajjabeen WBO waraana Abiy Ahimed irratti fudhate kanaanis 4 battalatti  yoo ajjeesu, 5 madeessee, mooricha gooluun diina baaraagseera.

Gama meeshaatiin AKM 3 fi Piistoo 1 dugda diinaa irraa hiikuun mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

Lukkeeleen diinaa mataa waraanaa ta’uun hawaasa gidirsaa ooltu bakkeewwan hedduutti tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon adabamuun itti fufee jira.

Haaluma kanaan Giddu-Galeessaa Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu fi Yaayyaa Gullallee keessatti qabasaa’an uummata Oromoo WBO’n tikoota bilxiginnaa ganda keessa bobba’anii jiranii fi loltoota sirnichaa du’aa fi madoon adabuun beekameera.

Adoolessa 25, 2024 aanaa Kuyyuu seensa magaalaa Garba-Gurraachaa ganda Liiban Jiraa iddoo addaa Iskaan jedhamutti tarkaanfii jajjabeen sabaa WBO’n fudhateen tika ganda Acoo kan ta’e nama maqaan isaa Addunnee jedhamu madoo ulfaataan yoo adabu loltoota sirnichaa lama isa waliin turan biyyoo nyaachisee jira.

Godinichuma aanaa Yaayyaa Gullallee ganda Rimeettii jedhamu keessattis Adoolessa 26, 2024 tika waraanaa ganda Masaayi Naggassee jedhamu dabalatee loltoota sirnichaa sadii du’aan yoo adabu, milishaa sirnichaa tokkos harkaan qabee jira.

Loltoota kana irraas AKM fi hidhannoo waraanaa guutummaatti irraa dhuunfachuun waraana sirnichaa achi keessatti hafteetti rifaatuu guddaa uumee jiraachuun beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading