• Tue. Jan 13th, 2026

Ajajaan Raashiyaa Maalii keessatti haleellaa riphee loltootaan du’e

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 30, 2024

Ajajaan garee loltoota kiraa sassaabdota Raashiyaa Wagner Maalii keessatti haleellaa loltoota finciltootaan irratti raawwatameen ajjeefamuu gareen kun beeksiseera.

Sirni bulchiinsa waraanaa Juuntaan Afrikaa Dhihaa keessa jiru bara 2021 gara garee maqaa gaarii hin qabne Wagner jedhamutti waliin ta’uu, humnoota jihaadistii fi adda bahuu loluuf deggarsa taasifatee ture.

Wiixata kaleessaa gareen Raashiyaa kun – amma garee Afrikaa Korps jedhamutti jijjiirame – torban darbe finciltoota adda bahuu fi hidhattoota jihaadistootaa irratti ”lola cimaa” waraana Maaliitti makamuu isaa ibseera.

Haa ta’u malee, warri adda bahuuf qabsa’an ‘The separetist’ haleellaa guddaa kan raawwatan yoo ta’u, loltoota kiraa sassaabdota 20 hanga 50’tti tilmaamaman ajjeesuu isaanii maddeen Korporeeshinii Afrikaatti dhihoo ta’an BBC’tti himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, biloogaroonni waraanaa Raashiyaa hedduun naannoo magaalaa kaaba bahaa Tinzayooten jedhamtutti haleellaa raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 20 du’uu isaanii gabaasan.

Ibsa seeraa Telegram irratti maxxanfameen gareen kiraa sassaabdota Raashiyaa kun loltoonni isaanii meeqa akka du’an hin ibsine, garuu ”kasaaraa” irra ga’uu mirkaneessaniiru. Kunis ajajaa Serjii Shevchenko jedhamu kan tarkaanfiin irratti ajjeefame dabalatee ture.

Loltoonni kiraa sassaabdootaa Wagner kun jalqaba irratti ”Islaamtoota irra caalaan barbadeessanii kanneen hafan ammoo baqataniiru” jedha ibsichi.

Gareen adda bahuu kan saba Tuwaareg ol’aantummaa qabu, Bu’uura Tarsiimoo Dhaabbataa Nagaa, Nageenyaa fi Misooma (CSP-PSD) haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera.

Dubbi himaa CSP-PSD wabeeffachuun AFP’n akka jedhetti, “Sanbata humnoonni keenya utubaawwan diinaa irratti rukuttaa murteessaa ta’e,” raawwatan jechuun dubbi himaa CSP-PSD wabeeffachuun ibseera.

Juuntaa haaraan kun jeequmsa kana dhaamsuuf jecha gamtaa yeroo dheeraa Maaliin humna koloneeffataa duraanii Faransaay waliin qabdu addaan kutee Raashiyaa fayyadame.

Garuu gareen kiraa sassaabdotaa Wagner bara darbe fincila hogganaan isaa Yevgeniy Prigoozhiin erga kaaseen booda kan diigame yoo ta’u, kunis Afrikaa Dhihaatti Afrikaa Korporeeshiniin akka bakka bu’u taasiseera jechuun gabaasa miidiyaalee irraa argate gaazexaan Keeniyaa The Star gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading