• Sat. Mar 14th, 2026

Baha Harargee aanaa Baddannootti dargaggeessa tokko kantiibaan bulchiinsa magaalaa Furdaa maqaa WBO deggertaan qabee shiboo elektirikiin gubuun beekame

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 30, 2024

Gochoota lukkeeleen bilxiginnaa hawaasa Oromoo irratti maqaa siyaasa keenyaan faallaa adeemta jedhuun humnoota poolisii, milishaa fi humna ittisa imphaayerattii fayyadamuun lammiilee nagaa akka fedhanitti waan barbaadan irratti raawwachuu jabeessanii jiru.

Akkuma kanaanis dargaggoo maqaan isaa Mohaammad Alii Mohaammad jedhamu Adooleessa 27, 2024 godina Baha Harargee aanaa Baddannoo Bulchinsa magaalaa Furdaa jedhamutti kantiibaan magaalichaa kan maqaan isaa Obbo Kamaal Hasan jedhamu halkan toora sa’a 8:00’tti qabee yakka tokko malee maqaa hariiroo WBO qabda jedhuun gochaa gara jabinaa irratti raawwachuu jiraattonni ONM’tti himan. 

Dargaggeessi kun harka lukkeelee PP akkuma ga’eenis ani hirmaannaa siyaasaa kamirraa homaa hin qabu osoo jedhuu yakka hojjette jechuun amansiisuuf jecha gara jabina hamaa shiboo elektirikiin miilla isaarra gubuun yeroo ammaa haalli fayyummaa isaa yaaddessaa ta’uus jiraatonni itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading