ONM-ABO Adoolessa 30, 2024
Addatti waggoota lamaa asitti bifa haaraa ta’een uummata godinaalee Arsii lamaaniitti fuula isaa kan deeffate murni bilxiginnaa namoota hedduu qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa yoo buqqisu kaayyoo keenyatti buutan maqaa jedhuunis namoota danuu lubbuu isaanii galafatanii jiru.
Namoota hawaasa keessatti argaa fi dhageettii qaban adamsee hidhuu fi ajjeesuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa kan jiru loltootni fi ergamtoonni sirnichaa Adoleesaa 28, 2024 aanaa Honqooloo Waabee ganda Maccituu Warqee jedhamu keessatti maqaa sakattaa WBO jedhuun waraanni imphaayera Itiyoophiyaa bobba’an uummata nagaa irratti dishqaa dhukaasuun weerarsanii bosonatti erga baqachiisanii booda ganda keessa deemuun re’oota, lukkuu, saawwan fi wantoota saamamuu danda’u hunda fudhatanii jiraachuu jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru.
Ganduma Maccituu Warqee kana keessatti namoota gurguddaa walga’ii jechuun walitti waamuun giiphii keessan sakkattaana jedhanii maallaqa, bilbilotaa fi faayaalee mormaa hunda hawaasa harkaa saamuun gadi dhiisanii akka deemanis jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru.


