ONM-ABO Adoolessa 29, 2024
Murni bilxiginnaa addatti Oromummaa hadheeffatee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti loltoota isaa bobbaasuun duguuggaa sanyii fi qabeenya qaalii mancaasuu hojii guyyuu godhachuun raawwachaa jira.
Haaluma kanaan Godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo jedhamu keessatti hawaasa gandicha keessa jiraatan irratti reebichaa fi doorsisni waraana PP’n irratti raawwatu hammaachuun, akka itti lafa isaanii qotatan dhabuun rakkachuu fi ergamtuuwwan sirnichaanis akeekkachiisni itti kennamuu jiraattonni dubbatu.
Adoleessa 27, 2024 ganduma Wataroo Diinoo kana keessatti isin WBO waliin hidhata qabdu jechuun uummata nagaa funaanuun mana hidhaatti guuraa jiru.
Namoonni hidhaman kunneenis lakkoofsaan saddeet yoo ta’an kan maqaan nu ga’e:
1. Ussoo Iddoo
2. Mohaammed Ussittii
3. Uttuggoo Hajjii
4. Kaliiloo iddoo
5. Gannichoo Ambaa
6. Namoo Arboo fi
Namoota lama ammaaf hanga gabaasni kun qindaa’etti maqaan kan nu hin qaqqabne ta’uun beekameera.
Aanicha keessatti uummanni hedduun illee manaa fi qabeenyaa isaaniin ala ta’uun yeroo ammaa waqtii qonnaa kanatti akka ooyiruu isaanii hin qotanne dhorkamanii haala yaaddessaa keessa akka jiran dabaluun ibsaniiru.
