• Wed. Nov 25th, 2026

Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiitti hidhaa fi dararaan waraana gabroomfataa PP’n jabaachuun dhagaa’ame 

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 29, 2024

Waraanni shororkeessaan bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuuf bobba’an godinaalee Oromiyaa cufa keessatti saamicha, hidhaa fi ajjeechaa hojii isaanii guyyaa godhachuun namoota hiraarsuu jabeessaniiru. 

Akkuma kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiitti Adoolessa 26, 2024 hawaasa nagaa maqaa ilmaan keessan Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jiru jedhuun maatii qabsaa’otaa mana hidhaatti guuruu jabeessaniiru. 

Maqaan namoota hidhamanii jiranii muraasni nu ga’e: Qabbannaa Badhaasaa, Obbo Hiikaa Taaddasaa fi ilma isaanii Minaasee Hiikaa kan jedhaman qabanii gara mooraa waraana PP’tti galchuun hiraarsaa jiraachuun beekameera 

Obbo Hiikaan jiraataa magaalaa Gidaamii ganda 01 naannoo Misiyoonii jedhamu ogguu ta’an, abbaa maatii fi  nama siyaasa kamirraa walaba ta’eedha jechuun jiraataan magaalaa Gidaamii tokko ONM’tti hime.

Sababni yakkamuu isaanii ammoo maqaa ilmi kee miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromooti jedhuun abbaa fi ilma qabanii mooraa waraanaatti geessuun hiraarsaa kan jiran ta’uu himuun, namoonni hedduunis yakka malee hiraarfamaa jiraachuu dabaluun jiraataan kun ibseera.

Leave a Reply