ONM-ABO Adoolessa 29, 2024
Murni uummata Oromoo jumlaan fixee aangoo isaa qofarra bubbuluu irratti xiyyeeffatu bilxiginnaan, waraana isaa naatoo ilma namaaf hin qabne bobbaasuun, saamicha, gudeeddii fi lubbuun dhabamsiisaa ooluu ilmaan Oromoo irratti jabeessee jira.
Haaluma kanaan Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Eellafwaj jedhamu keessatti Adoolessa 26, 2024 waraanni goolessaan sirnichaa itti bobba’uun gocha suukkanneessaa dhala namaa irratti hin raawwatamne raawwataniiru.
Namootni ajjeechaan waraana garboomfataa PP’n irratti raawwate maqaan isaanii, Jibriil Abbaas, Kadiir Haashim fi Abdii Abdallaa kanneen jedhaman ta’uun barameera.
Guyyuma kana waraanni bobbaafame kun ganduma kana keessatti namoota maqaan isaanii Abdurmaan Abdurqaadir, Abduulkariim Abdurqaadir, Misiraa Abdurqaadir, Turaan Aashim, Muusaa Turaan, Umar Haashim fi Adam Jaamboo jedhaman oollaa fi maatii tokko walumatti qabuun jumlaan reebicha erga irratti raawwatanii booda mana hidhaatti geessani akka hiraarsaa jiran jiraattonni ifoomsan.
Kanaan duras gochi kun irra deddeebiin raawwachaa kan ture ganduma kana keessatti manneen namootaa gubuun jiraattota hiraarsaa turuu, finxaaleeyyota Amaaraa waliin ta’uun uummata Oromoo naannichaa godaansisaa fi itti roorrisaa turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
