ONM-ABO Adoolessa 28, 2024
Waraanni sirna tortoraa PP tiksuuf uummata Oromoo dararuu hidhuu, saamuu fi ajjeesuu hojii idilee godhate ammas maqaa oppireeshinii WBO balleessuu jedhuun duula Shimallis Abdiisaa Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf labsate sababeeffachuun godina Boorana Bahaa aanaa Liiban ganda Hordotii keessatti maqaa isin maatii WBO’ti, deggertoota fi WBO’f eeruu laattu jedhuun namoota nagaan qotatanii jiraatan jumlaan mana hidhaatti guuran.
Namoonni nagaan jumlaan mana hidhaatti guuraman kunneenis:
1. Galmoo Goobanaa Balakkoo,
2. Tutaa Booramaa Balakkoo,
3. Asteer Neenqoo Yuubaa,
4. Badhaasoo Garba Cuqqaa,
5. Hiruuti Mallittii,
6. Gannati Boneyya Goobanaa,
7. Xuruu Adoola Goobanaa,
8. Gaashshaw Boneyyaa Goobanaa,
9. Mashii Goobanaa Canaa,
10. Shaggee Ideemaa Baanataa,
11. Nuuriya Guyyee Butoo, fi
12. Safiyaa Guyyee Butoo
Kanneen jedhaman maatii tokko keessaa namoota lamaaf sadii ol kan ta’an badii tokko malee qabamuun mana hidhaatti dararamaa jiru jedhu jiraattonni.



