• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti ergamtootni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 29, 2024

Murni nama nyaataan imphaayera Itiyoophiyaa Koloneel Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu jabeessee itti fufee kan jiru ta’uun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti loltoonni imphaayerattii hawaasa nagaa hidhaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.

Aanaa Guduruu ganda Illaammuu Xaraqoo jedhamu irraa Adoolessa 26, 2024 namoota maqaan isaanii:

1. Biraanee Shaanqoo,

2. Mirreessaa Shaanqoo,

3. Jabeessaa Guddataa,

4. Rattaa fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf qabamuun  waajjira poolisii aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaatti argamutti hidhamanii garmalee dararamaa jiru.

Gandicha keessatti maqaa WBO balleessina jedhu of dura qabuun saamichi daangaa hin qabne raawwachaa jiraachuu  fi namoonni hedduunis mana hidhaatti dararamaa akka jiran dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading